Kuusaan Baayoosfeeraa Bosona Buna Yaayyuu

Bakka Heddumina Lubbu qabeeyyii balaa keessa jiru

Bosonni rooba montanee kibbaa-lixa Itoophiyaa qaama Afroomoontaanee Bahaa heddummina lubbu qabeeyyiin kan badhaadhedha. Iddoowwan muraasa bosona duumessaa(cloud forests) argaman kuneen barbaachisumman isaanii Itoophiyaa qofaaf osoo hin tane  sadarkaa adunyaatti dha. Qabeenya uumamaa, biqilootaa fi sanyii bineensotaa  dinqisiifatamuun alatti bosonni kun akka adunyaatti heddumminaan buna bosonaa gosa Arabikaa (Coffee arabica) addatti of keessatti qabatee argama.

Kana malees, faayidaa ikooloojii fi aadaa bosonni Afroomoontaanee qabuun alatti saffisaan haphachuu fi ciramuun bosonaa  rakkoo keessa galcheenii jira; keessattuu bal’inaan sababa hawaasa-diinagdee fi siyaasa waggoota muraasa  kurnan darbaniin kan walqabatu dha. Yeroo ammaa iddoowwan muraasni Afiroomoontaanee kun sagantaa UNESCO “Man and Biosphere” (MaB) jedhamu jalatti galmaa’anii jiru.

Footer Top

Imala Kuusaa Baayoosfeeraa ta'uuf fudhate

Bara 2005 ALA, Yaadni naannoo Yaayyoo kuusaa baayoosfeeraa jalatti galmeessuu qaamolii dhimmammoo saffisaan xiqqaachaa deemuu fi manca’uu qabeenya naannoo kanaa hubachuun eegumsaa naannoo irratti hojjechaa turan kan bu’uurefate ture. Bu’uuruma kanaan dursummaa dhaabbata miti mootummaa Environment and Coffee Forest Forum (ECFF) hojiin iyyannoo dhiyeessuu eegalamee dhuma irratti bara 2010 ALA tti Kuusaa Baayoosfeera Bosona Buna Yaayyuu (KBBBY)jedhamee galmaa’e.

Itti fayyadamni maqaa “Yaayyuu”jedhu yeroo hedduu hawaasa naannoon kan qeeqamudha. Yeroo   kuusaan baayoosfeera kun beekamti UNESCO’f kaadhimamee maqaa kuusaa kana maqaa ‘Yaayyuu’kunis seera duratti sadarkaa federaalaatti naannoo bosona adda ta’ee yeroo mootummaa ‘Derg’ galmaa’e tureen qabatameera. Ammas taanan, maqaan Yaayyoo eenyummaa hawaasa keessatti fudhatamaa fi  hiikaa gosa Oromoo naannoo kanaa ta’ee fi haawaasa biratti fudhatama guddaa kan qabudha. Walitti hidhamiinsi fi michoomni maqaa Yaayyoo eenyummaa hawaasa waliin qabu ammas taanan falmii moggasaa ta’ee itti fufuun isaa kan hin oolledha.

Kuusaan Baayoosfeera Bosona Buna Yaayyuu
hojiiwwan ijoo sadiif tajaajilaa:

Kunuunsaaf

naannoon kun eegumsa baay’ina sanyii(gene) buna arabikaa (Coffee arabica) bakkee gubbaa irrattii(in situ) taasifamu ta’ee barbaachisummaan isaas sadarkaa biyoolessaa fi idil addunyaaf kan oolu ta’ee adda ba’eera; kunis mandhee sanyii baay’inaa fi bal’inaan bosona keessatti argamudha.

Guddina itti fufiinsa qabu

kuusaan baayoosfeera guddina itti fufaa gama dinagdee  saffisiisuun guddinni gama hawaasaa fi ikooloojiin jiru itti fufiinsa qabaachuu isaa amansiisa taassisa. Naannoon Yaayyoo industirii buna Itiyoophiyaa keessatti shoora murteessa qaba. Kana  malees namoota baay’eef bunni madda galiiti. Qonnaan bultootni ammoo oomisha mi’eessituu fi dammaa irratti hirmaatan diinagdee naannoo keessatti gumaacha taassisaa  jiru.

Qorannoo fi Barnoota

Dirqamni ijoon kuusaa Baayoosfeeraa keessaa tokko deeggarsa yaalii misooma itti fufiinsa qaban taassisuuf, barnoota naannoo, leenjii, qorannoo, fi hordoffii kunuunsaa fi misooma itti fufiinsa qabuun walqabatee sadarka gadii, naannoo, biyyaalessaa fi addunyaatti guddisuudha. Naannoon kun jalqabbii qorannoo fi pirojektoota dachaa misooma itti fufiinsa qabu, fooyya’iinsa sansalata gatii bunaa, fayyaa fi hirmaannaa hawaasa siivikii irratti xiyyeeffatan keessummeessa.

Walumaa galatti, Kuusaan Baayoosfeera Bosona Buna Yaayyuu sirna ikooloojii roga hedduu qabu kan kunuunsa, misooma itti fufiinsa qabu, fi jalqabbii qorannoo walitti fiduun heddummina lubbu qabeeyyii adda ta’ee fi hambaa bunaa badhaadhaa isaa eeguun nageenya hawaasummaa fi dinagdee ummata isaa deeggaru bakka bu’a.

BG