Uumama

Kuusaan Baayoosfeera Bosona Buna Yaayyuu sona uumamaa adda ta’een kan beekamu yoo ta’u, isaanis;

Footer Top

Amaloota

Heddumina Lubbu Qabeeyyii

Kuusaan kun gosoota biqiltoota ol’aanoo 450 ol, gosoota hoossistootaa 50 ol, gosoota simbirrootaa lakkoofsi isaanii hin murtoofnee fi gosoota Amfiibiyaanotaa (gosoota bineensota bishaan keessa jiraatan) 20 ol kan qabu dha. Gosoota kanneen keessaa yoo xiqqaate gosootni 44 kanneen sanyiin isaanii dhabamuuf jedhamee tarree halluu diimaa IUCN keessaa tokko jalatti ramadamadamani dha.

Endemism/Biyya keessaa/

Gosoonni biqiltootaa, hoosistoota, simbirrootaa fi amfibiyaanota naannoo sanatti argaman 100 ol ta’an kan argaman yoo ta’u, kunis naannoowwan sanaa sona baayoloojii adda ta’e kan agarsiisani dha.

Tajaajila Sirnakkoo

1.     Bosonni Yaayyuu tajaajila sirnakkoo murteessaa ta’e kan kennu yoo ta’u, kunis eegumsa sululaa (kan akka to’annoo dhiqama biyyee, bishaan calaluu, bishaan qabachuu fi to’annoo lolaa, to’annoo ho’aa, tasgabbii qarqara sululaa fi kkf) dabalata. Laggeen Gabbaa, Doggii, Saakkii fi Seeseen ka’umsi isaanii kuusaa  Baayosfeeraa  kana irraa ta’ee,  laga Baarootti dabalamanuun  sana booda gara Naayiliitti  yaa’u.  Lammaffaa, qabeenyi bosona mukaa fi al-mukee ta’an fedhii nyaataa bu’uuraa, mana jireenyaa fi anniisaa maatii baay’ee kuusaa Baayoosferraa keessa jiraniif ta’uun gahee murteessaa qaba. Sadaffaa, bal’inni lafa qonnaa fi dheedichaa, kan ummatni kuusaa  Baayoosfeerraa  harki caalaan irratti hirkatu, nyaata qonnaan bulaa xixiqqaa,  sirna qonnaa jireenyaaf oolu keessatti oomishamu dhiyeessa. Sababa baay’ina uummataa fi hanqina qabeenyaa irraa kan ka’e, bulchiinsi itti fufiinsa qabuu fi guutuu hin taane qabeenya kanaaf qormaata guddaa ta’a.

Rakkoo dinagdee jireenya baadiyyaa

Heddummina lubbu qabeeyyiin badhaadhaa ta’us, ummanni baadiyyaa naannoo kanaa qormaatni dinagdee kan muudatun yoo ta’u, jireenyi isaa adda durummaan qonna xixiqqaa irratti kan hundaa’e yoo ta’u, kunis misooma kuduraa, midhaanii fi bunaa dabalata. Horsiisni beeyladaas galii isaaniif gumaacha qaba. Dhiyeessiin anniisaa baay’inaan muka qoraanii fi cilee irratti kan hundaa’u yoo ta’u, kunis yeroo baay’ee karaa seeraan alaa qabeenya bosonaa irraa kan argamudha.

Hambaalee aadaa fi bulchiinsa qabeenya aadaa

Haalawwan Uumama

Aadaa Oromoo keessatti uumamni iddoo guddaa qaba, bosonni, lageen, mukkeen, fi lubbu qabeeyyiin, kabaja olaanaa qabu/kennamaaf. Laphee hawaasa Oromoo keessa sirni Gadaa buufatee kan argamu, sirna bulchiinsa hawaas-aadaa fi siyaasaa kan iddoowwan qulqulluu fi ayyaanota adda baasee, amantaa fi gocha hawaasichaa keessatti hidda kan gad-fageeffatedha. Sirni Gadaa seera bulchiinsa aadaa kan murteessu yoo ta’u, muka muruu ykn sulula jijjiiruu irratti dhorkaa qaba. Seera kana diiguun balaa hamaa qaqqabsiisa. Sirna bulchiinsa hunda galeessa fudhatama qabu kan biyya keessatti argamu ta’ee  Gadaan bara 2016 hambaa aadaa addunyaa hin tuttuqamne  ta’uun UNESCO’n beekamtii argateera.

Barbaachisummaa dhaabbilee naannoo

Haala naannoo keessatti Odaan; gosti muka Qilxuu, walga’ii jaarsolii walitti qabamanii dhimma hawaasaa irratti mari’atan, kadhannaa nagaa, rooba, fi badhaadhina dhiyeessan ta’ee tajaajila. Mukkeen biroo kan akka Hoomii, Laaftoo, Birbirsa, fi Harbuu sirna murtaa’e keessattis gahee ni taphatu. Bosonni kun jireenya ummata Oromootiif gatii guddaa kan qabu yoo ta’u, yeroo booda jijjiirama xiqqaa ta’een uwwisa bosonaa kunuunsuuf dhaabbileen bulchiinsa qabeenya aadaa jiraachuun isaanii gahee guddaa qabu. Sirni bulchiinsa aadaa daangaa lafa bu’uura taassisuun  hundaa’e (tuullaa, xuxee, fi shanee) fi yaa’ii jaarsolii (mucho, salgii, fi jaarsa biyyaa) dabalatee, eegduu kunuunsa bosonaa fi itti fayyadama qabeenya  itti fufiinsa qabuu ta’uu danda’u.

» Sirni Gadaa aadaa naannoo, caasaa hawaasummaa, fi bulchiinsa itti fufiinsa qabu qabeenya uumamaa gidduutti walitti hidhamiinsa murteessaa bakka bu’a.«

Saayinsii fi kunuunsa

Zooniin wiirtuu kuusaa Baayoosfiiraa fi sirnakkoo lageewwani harki caalaan isaa kan hin qoratamne yoo ta’u, hanga ammaatti qorannoowwan gosoota dhuunfaa ykn walitti dhufeenya ikoloojii irratti gaggeeffamen daangeffamaniiru. Qorannoon jiru adda durummaan jireenya biqiltootaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, keessumaa xiyyeeffannoo jeneetiksii baay’ina buna Arabikaa fi biqiltoota faayidaa qaban biroo (kan misoomee fi hin misoomne) irratti kennameera. Qorannoon dabalataa Madaallii fi hordoffii bal’aa garaagarummaa baayoloojii naannoo sanaa beekuuf barbaachisaadha.

BG