Yeroo daawwannaa

Yeroon gaariin Kuusaa Baayoosfeeraa Buna Bosona Yaayyuu Itoyoophiyaa daawwachuuf baay’inaan filannoo keessanii fi muuxannoo barbaaddan irratti hundaa’a.

Footer Top

Onkoloolessaa hanga Guraandhalaa

Yeroon kun yeroo caama Itiyoophiyaa waliin walsimu, akka waliigalaatti yeroo gaarii Kuusaa Baayoosfeera Buna Bosona Yaayyuu daawwachuuf akka ta’etti fudhatama. Haalli qilleensaa mijataa siʼa taʼu, yeroo baayʼee samiin qulqulluu waan taʼeef, miilaan deemuu, bineensota bosonaa ilaaluu fi taa’umsa lafa bal’aa daawwachuuf haala gaarii taʼe qaba. Ho'i giddu galeessa waan ta'eef sochii alaaf mijataa dha. Kun yeroo buna sassaabuus yoo ta’u, adeemsa hojmaata bunni aadaan akkaaatatti sassaabamu  dhugaa ba’uu fi hawaasa naannoo waliin hojjechuuf carraa kan uumu dha.

Waxabajjii hanga Fulbaanaa

Itoophiyaa keessatti yeeroon/waqtiin roobaa/Gannaa jedhamuun kan beekamu yeroo kana keessatti mul'ata. Teessumni lafaa magariisaa fi sochii guddaa kan qabu yoo ta’u, naannichi rooba cimaatu mudata. Yeroo kana keessa imala gochuun sababa daandii dhoqqee qabu, lageen guutan fi sigiga lafaa mudachuu danda’u irraa kan ka’e qormaata ta’uu danda’a. Haa ta'u malee, yeroon roobaa carraa addaa simbirroota ilaaluuf ta'uu danda'a, sababiin isaas gosootni simbirroota godaananii jiran hedduun yeroo kanatti naannoo sana daawwatu.

Dhumarratti yeroon daawwachuuf gaarii ta’e fedhii keessan irratti hundaa’a. Haala qilleensaa mijataa fi samii qulqulluu yoo filattan, yeroo gogiinsaa filachuu dandeessu. Haataʼu malee, simbirroota ilaaluuf quuqama yoo qabaattan ykn lafa lalisaa fi magariisaa fi bishaan kuufamaa sochoʼaa taʼe daawwachuu yoo barbaaddan, yeroon roobaa caalaatti isin hawwachuu dandaʼa.

BG