Aangawwota (Qooda fudhattoota) Barbaachisoo

Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Oromiyaa fi Dhaabbanni Bosonaa fi Bineensa Bosona Oromiyaa  karoora bulchiinsa hojii irra oolchuuf aangoo seeraa kan qaban yoo ta’u, qooda fudhattoonni Mootummaa fi Mit-mootummaa adda addaa naannoo sana jiran karoora hojii  kana deeggaruun, pirojektootaa haaraa fi hojiiwwan jalqabuu irratti dammaqinaan bobba’aa jiru. Sadarkaa federaalaatti qaamoleen mootummaa ijoon kanneen akka Misooma Bosona Itoophiyaa, Inistiitiyuutii Heddummina Lubbu qabeeyyii Itoophiyaa, fi Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa bulchiinsa qabeenya uumamaa keessatti gahee olaanaa qabu.

Footer Top

Sadarkaa naannootti, Dhaabbanni Bosonaa fi Bineensa Bosonaa dirqama bulchiinsa bosonaa fi bineensa bosonaa hordofuu qaba, Biiroon qonnaa Oromiyaa gama biraan shakalaa fi imaammata qonnaa itti fufiinsa qabu jajjabeessa. Ejensiiin waldaalee hojii gamtaa guddinaa waldaalee gama diinagdeen akka ta’uuf hojjeta.

Sadarkaa gadiitti, waldaaleen hojii gamtaa, dhaabbileen dubartootaa fi dhaabbileen hawaasaa dabalatee qooda fudhattoonni mit-mootummaa akkasumas dhimmamtoota misoomaa fi bulchitootni gandaa ofkennanii hojjetan dhiibbaa kallattiin safaramuu danda’u qabu. Dhaabbileen hawaasa bu’uura godhatan kan akka Yuuniyeenii waldaa hojii gamtaa Qonnaan Bultoota Soor-Gabbaa, dhaabbileen qorannoo akka Yuunivarsiitii Mattuu, fi dhaabbileen miti mootummaa adda addaa sochiirra jiran kan akka ECFF, EWNRA, NABU Ethiopia, fi kanneen biroon misooma itti fufiinsa qabuu fi  yeroo dheeraa turu irratti naannichaaf gumaacha ni godhu.

BG