BG
0

Fincaa'awwan

0

Lageen

0

Holqawwan

BG

Kuusaan Baayoosfeeraa Bosona Buna Yaayyuu (KBBBY)iddoowwan muraasa Itoophiyaa keessatti argaman keessaa bosona roobaa gobbataa Afroomoontaaneen uwwisame sanyii buna bosona ‘Arabica’ta’e qabaachun hawaasaf akka madda galiitti tajaajilaa jira. Shoora gama diinagdee fi qabeenya uumamaa dachaa qabaachuun baayoosfeera kanaa akkasumaas; kuusaa sanyii buna bosona ‘Arabica’ biyyoolessaa ta’uun isaa; UNESCO’n kuusaa baayoosfeeraa, iddoowwan Simbirrootaa fi Bineensota barbaachisoo ta'an (IBA) adunyaa jedhamee moggaafamuu isaatiin beekamtii addaa gonfatee jira. Maqaan naannoo argama kuusaa kanaa Yaayyoo jedhamee kan beekamu dha. Haata’u,malee ‘UNSECO’dhan Yaayyuu jedhame galmaa’ee jira.

Yayu Montane Rainforests and Coffee Culture

Bakka bosona rooba montaanee fi walitti dhufeenya aadaa bunaa

Bosonni roobaa Afroo-moontaanee hedduminaa fi gobbina bosona uumamaa, lafa caffee qabu, lafa dheedichaa fi lafa qonnaa, holqaa fi bishaan kuufamaa kan qabu yoo ta'u; taa’umsi lafaa  miidhagina addaa laateeraaf. Moggaasa kuusaa baayoosfeera kanaaf akkasumaas dinagdee Itoophiyaa keessatti bunni qooda bakka hin bu’amne qaba; gama biraan aadaa hawaasaa keessatti bunni iddoo addaa kan qabu dha. Naannoo kanatti bunni haala adda addaan  misooma: akkuma biqiltuu biroo mana duubatti kan misoomuu fi darbee darbee lafa bal’aa irratti fi baay’inaan garuu akka buna bosonaatti golgaa bosonaa jalatti misoomsuun beekama dha.

kunuunsa qabeenya Uumamaa fi aadaa Itoophiyaa

Zoonii wiirtuu bosona tuttuqaan alaa (core area) keessatti qabeenyi uumamaa eegumsi taassifamaafii jira. Wiirtuun  kun madda ijoo bishaanii ta’uun tajaajila kennaa jira. Bu’uuruma kanaan lageen xixiqqoo hanga gurguddootti kanneen akka laga Gabbaa, Doggii, Saakkii fi Seesee gara laga Baarootti kan yaa’an fi Baaronis laga Naayilif kan gabbaru dha. Gaheen Kuusaa Baayoosfeeraa kanaa akka iddo haftee dhumaa bosona duumessa Afromontane ta’uu isaatii fi barbaachisummaa idil adunyaa qabaachuu isaatiin addatti wanti taassifameef hin jiru. Qaama bakka heddummina lubbu qabeeyyii badhaadhe (biodiversity hotspot) Afromontane Bahaa kan uume ta’ee, kuusaan baayoosfeera bosona buna Yaayyuu kuufama sanyii ‘Coffea arabica’qofa osoo hin taane, gosoota biqilootaa fi bineensota biroo hedduu kanneen balaa baduu jala jiran jedhamanii fudhataman ykn kan iddoo biraatti hin argamne gosa bosona duumessaa (cloud forests) kana keessatti kan argamudha. Walitti hidhamiinsa aadaa fi seenaa hawaasa naannoo kanaa keessatti barbachisummaan qabeenya uumama kanaa arkiyooloojii fi gochaa dudhaalee isaa keessatti balinaan kan calaqisu dha.

Kuusaan Baayoosfeera Bosona Buna Yaayyuu kun duudhalee baay’ee kan qabuu fi bakka eegumsa naannoo hambaa naannoo waliin kan wal haammatee dha. Kuusaa  kana rakkoowwan kan muudaten yoo ta’u ga’umsa ittifufiinsan uumamni fi jireenyi  walii wajjin qindaa’e akka jiraatu taasisuu qaba; kunis geggeesaa aadaa badhaadhaa ta’e qabeenya uumamaaf kabajaa qabu irraa maddee.

BG